Koreen Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Vaayrasii koroonaa to’achuu fi ittisuuf hundaa’e gabaasa isaa dhiyeesse

Finfinnee, Bitootessa 13, 2012 (FBC) – Koreen Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Vaayrasii koroonaa to’achuu fi ittisuuf hundaa’e gabaasa isaa dhiyeesse.

Koreen Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Vaayrasii koroonaa to’achuufi ittisuuf hundaa’e hojii hanga ammaatti hojjetame ilaalchisuun gabaasa isaa Preezdaantii Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaaf dhiyeesse.

Akka gabaasni kun ibsutti hojiin gama kanaan hanga ammaatti hojjetamaa jiru bu’aa qabeessa ta’uudha.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa ittisa tatamsa’ina Vaayrasii Koroonaaf birrii Miiliyyona 80 ramaduu eeruun birrii miiliyoonni 40 ni yeroo dhiyootti hojiif baasii akka ta’u himameera.

Hawaasni mallattoo shakkisisoo yoo argee lakkoofsa bilbilaa bilisaa 6955 niin bilbiluun eeruu akka kennuu qabu gafatameera.

Haaluma kanaan haguugduun fuulaa kuma dhibba 5 ol raabsamuufi alkooliin liitiriin kumni 48 oli raabsamuuf qophaa’eera.

Akka gabaasa OBNtti dhaabbilee daldalaa seeran ala gatii dabalan kuma 1 fi 425fi namoota 19 irratti tarkaanfiin fudhatameera.

Dabalataanis koreen seektaroota Torba irraa walatti babahe tatamsa’ina vaayirasii koroonaa to’achuuf hundaa’eera.

Comments (0)
Add Comment