Koree Olaanaan marii nageenyaa hojii eegaluu beeksiise

Finfinnee, Adoolessa 6, 2014 (FBC) –Rakkoo Nageenyaa Kaaba Ityoophiyaatti uumame karaa nagaan furuuf koree olaanaan hundaa’e ifatti hojii eegaluu beeksiseera.
Gorsaan Nageenyaa Muummee Ministiraa FRDI Ambaasaaddar Reediwaan Huseen, Koree olaanaan marii nageenyaa walga’ii jalqabaa isaa gaggeessuu fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.
Korichi marii nageenyaa mariisiisummaa Gamtaa Afrikaan gaggeeffamuuf hojmaataa fi namuusa isaarratti mari’achuun murtoo dabarsuu ibsaniiru.
Koree olaanaan kun koreewwan xixiqqoo hundeessuun itti gaafatamuu waliif qooduun hojii eegaluu isaa himaniiru.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment