Finfinnee, Mudde 25, 2015(FBC)- Koorporeeshiniin Misooma Baankii Lafaa Federaalaa fi Ityoo Injiinariingi hojiilee misoomaa waloon hojjechuuf waliigaltee mallatteessaniiru.
Waliigaltechaas Daayrektara Olaantuu Koorporeeshinichaa Leensaa Mokonnin fi Hoji Gaggeessaa Olaanaa Ityoo Injiinariing Giruuppi Ambaasaaddar Misgaanuu Araggaa mallatteessaniiru.
Waliigaltechi, pirojektiiwwan misoomaa biyyattitti hojjechuu fi hojiilee invastimantii babal’isuuf waloon akka hojjetan kan taasisuudha jedhameera.
Daayrektarri Koorporeeshinichaa Leensaa Mokonnin, biyyattiitti misooma gama maraa mirkaneessuuf hojmaanni qindaawaan murteessaa ta’uu kaasaniiru.
Ityoo Injiinariingi Giruuppi waliin pirojektoota misoomaa garaagaraa bocuun hojiirra oolchuuf waliigalteerra ga’amuu eeraniiru.
Waliigaltechi invastimantii hawwachuu fi waloon hojjechuuf carraa olaanaa akka uumu hubachiisan.
Hoji Gaggeessaan Ityoo Injiinariingi Ambaasaaddar Misgaanuu Araggaa gama isaaniin waliigaltechi dhaabbileen lameen pirojektoota waloon hojjetan barbaaduuf tumsa jedhaniiru.
Carraa hojii lammiileef uumuun guddina diinagdee biyyattiif gumaacha akka qabaatu TOI gabaaseera.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.