Finfinnee, Guraandhala 10, 2015 (FBC)- Koorporeeshiniin Manneenii Federaalaa Giruuppii DEC Turki waliin walta’iinsaan hojjechuuf sanada waliigaltee mallatteesseera.
Sanadni Waliigaltechaas Hojii Raawwachiisaa Olaanaa Kooropreeshinii Manneenii Federaalaa Obbo Rashaad Kamaalii fi Itti Aanaa Dura Ta’aa Boordii DEC Turki Atii Habiil Yaaziijii mallatteessaniiru.
Waliigaltechi hariiroo Ityoophiyaa fi Turkii gama cimsuun gahee kan qabatu yoo ta’u, Koorporeeshiinii Manneenii Federaalaa teeknoolojii fi ce’umsa beekumsaan fayyadamaa ni taasisa jedhameera.
Dabalataanis ijaarsa dandeettii fi damee misooma manneeniin deeggarsa guddisuu danda’an koorporeeshinichi akka argatu kan taasisuu ta’uu himameera.
Hoji Raawwachiisaa Olaanaan Koorporeeshinichaa Obbo Rashaad Kaamaal, walta’iinsan hojjechuuf qophaa’ummaa jiru mirkaneessanii, koorporeeshinicha waliin walta’iinsan hojjechuuf murannoo fi fedhii argisiisaniif Giruuppii DEC fi miseensota isaa galateeffataniiru.
Atii Haabiil gama isaaniin, Ityoophiyaatti hojiilee biroo hojjechuuf karoora qabaachuu ibsanii, koorporeeshinicha waliinis walta’iinsaan hojjechuun, damee misooma manneeniif deeggarsa akka taasisan dubbachuu ragaan koorporeeshinicharraa argame ni mul’isa.
Koorporeeshinichi damee misoomaa manneenii eegale caalmaan bu’aa qabeessa akka ta’u teeknoolojiiwwan bu’aa qabeessaa fi baasii qusatoo akka dhiyeessuu dubbataniiru.
#Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.