Koorporeeshiniin Manneenii Federaalaa Finfinneetti appaartamaa ijaarsise eebbise

Finfinnee, Waxabajjii 5, 2014 (FBC) – Koorporeeshiniin Manneenii Federaalaa Finfinnee naannawaa Qabbannaa fi Garjiitti ijaarsise har’a eebbisiiseera.
Sirnicharratti qondaaltonni hojii mootummaa olaanoon argamaniiru.
Proojektichaan teeknooloojiin amayyaa’aa “Aluminium Form work technology” jedhamu kan hojiirra oole yoo ta’u, Ityoophiyaanonni teeknooloojichatti madaquun manneen kana saffisaan ijaaruun eerameera.
Teeknooloojichi ijaarsa isaa saffisiisuu keessatti kan gumaache yoo ta’u, baatiiwwan 18 keessatti gamoowwan 16 kanneen darbii 10 qaban ijaaruun danda’ameera.
Naannawaan jireenyaa ammayya’an kun sirna to’annoo nageenyaa kan qabu, bakka konkolaata 800 ol dhaabbachiisuu danda’u kan qabu, galma, bakka ispoortii itti shaakalan, kaaffee fi restoraantii, bakka bashannanaa, bakka daa’imman taphatanii fi kan biroo akka qabu eerameera.
Ijaarsi gamochaas lammiilee hedduuf carraa hojii kan uumeedha jedhameera.
Haaluma walfakkaatuun, koorporeeshinichi gamoowwan lama kanneen darbii 10 qaban naannawaa Qabbannaatti kan ijaarsise yoo ta’u, proojektichi manneen daldalaa fi jireeyaa kan qabu lafa karee meetira kuma 1 fi 167 irraatti kan ijaarameedha jedhameera.
Adaanech Abbabaa fi Habtaamuu Takilesillaaseetu gabaase
Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment