Koorporeeshiniin Manneen Federaalaa fi Inistitiyuutiin Leenjii Teekinikaa fi Ogummaa waliin hojjechuuf waliigalan

Finfinnee, Guraandhala 12, 2016 (FBC)- Koorporeeshiniin Manneen Federaalaa fi Inistitiyuutiin Leenjii Teekinikaa fi Ogummaa waliin hojjechuuf waliigaltee mallatteessaniiru.
 
Waliigaltichas Hoji Gaggeessaa Olaanaa Koorporeeshinichaa Obbo Rashaad Kamaalii fi Daayrektarri Olaanaa Inistitiyuutichaa Dooktar Biruuk Kadiir mallatteessaniiru.
 
Waliigaltichaan Koorporeeshiniin Manneen Federaalaa damee ijaarsaa guddisuuf sochii bu’aa qabeessaa taasisaa jiruuf gumaacha olaanaa qabaata jedhameera.
Sirna waliigalticha mallateessuurratti Obbo Rashaad Kamaal akka jedhanitti, waliigaltichi giddugaloota qorannoo faayidaa biyyaalessaa qaban uumuuf tattaaffii taasifamaa jiru ni tumsa.
 
Dooktar Biruuk gama isaaniin, koorporeeshinichi damicha guddisuu fi misooma manneenii bu’aa qabeessaa itti fufsiisuuf sochii taasisuuf dhaabbanni isaanii deeggarsa akka taasisu ibsuu ragaan koorporeeshnicharraa argame ni mul’isa.
#Oromiyaa #Itiyoophiyaa
 
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment