Koorporeeshiniin Iistarni damee maanufaakchariingii fi ijaarsa manaarratti bobba’uuf fedhii qabaachuu ibse

Finfinnee, Fulbaana 11, 2016 (FBC)- Ameerikaatti dameewwan ijaarsa garaagaraatti hojjechuun muuxannoo kan qabu Dhaabbnni Koorporeeshinii Iistarni Itiyoophiyaatti invastimantii damee ijaarsa manneenii fi maanufaakchariingii irratti bobba’uuf fedhii qabaachuu beeksise.

Ittigaafatamaan Waajjira Hoji Gaggeessaa Koorporeeshinii Paarkiiwwan Indaastirii Obbo Fitsum Katamaan Jila Hoji Gaggeessaa Koorporeeshinii Iistarn Deeviid Hamnaa waliin mari’ataniiru.

Marichaan Obbo Fitsum Dhaabbanni Ameerikaa kun Paarkii Indaastirii Qilinxoo keessatti hojiilee invastimantii irrattii bobba’uu fi manneen gatii madaalawaa ta’an ijaaruuf fedhii argisiiseef dinqisiifataniiru.

Koorporeeshiniin misoomaa paarkiiwwan indaastirii Itiyoophiyaa riifoormiiwwan yaa’iinsa invastimantii alaa paarkiiwwan indaastirii dabaluu fi hojjettootaaf haala mijataa kan uumaan hojjechaa jiraachuu kaasaniiru.

Dhaabbatichis gara hojiitti akka seenuuf deeggarsa fi hordoffii barbaachisaa taasisuu cimsee kan itti fufu ta’uu mirkaneessaniiru.

Hoji Gaggeessaan Koorporeeshinii Iistarn Deeviid Hamnaa gama isaaniin, dhaabbatichi Ameerikaatti ijaarsawwan garaagaraarratti muuxannoo kan horatee fi Itiyoophiyatti bal’inaan hojjechuuf karoorfachuu ibsaniiru.

Paarkii Indaastirii Qilinxoo keessattis hojiilee invastimantii garaagaraarratti bobba’uun damichaan gahee isaa bahachuuf kan hojjetan ta’uu himaniiru.

Koorporeeshiniin Iistarni, Ameerikaatti damee ijaarsaan waggoota 25 ol ijaarsa manneenii, bulchiinsa pirojektootaan muuxannoo kan qabu ta’uu ragaan koorporeeshinicharraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment