Koorporeeshiniin Hojiilee Konistiraakshinii Itiyoophiyaa bu’aa hinqulqulloofne Birrii biiliyoona 1.3 argate

Finfinnee, Hagayya 25, 2016 (FBC)- Koorporeeshiniin Hojiilee Konistiraakshinii Itiyoophiyaa bu’aa hinqulqulloofne Birrii biiliyoona 1.3 argachuu beeksise.

Dhaabbata misooma mootummaa kan ta’e korporeeshinichi waltajjii gamaaggama raawwii pirojektoota gaggeesseera.
Waltajjicharratti bara baajataa 2016tti rakkoolee hedduu keessa darbus milkaa’inaa hedduu galmeessuu ibsameera.

Hojii Raawwachiisaa Olaanaa Koorporeeshinichaa Injinar Yoonaas Ayyaaleewu, milkaa’ina kana galmeesuun koorporeeshinichaa dhaabbilee misoomaa Afrikaa keessaa adda duree keessaa tokko taasiseera jedhan.

Korporeeshinichi hojiiwwan ijaarsaa adda addaa fi industiriiwaan galtee konistiraakshinii oomishan irraa galii Birrii biiliyoona 11.8 ol akka argate ibsameera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment