Koorporeeshiniin Misooma Indaastirii Paarkiiwwanii oomisha gatii doolaara miiliyoona 100 fi miiliyoona 65 baasu gara alaatti erguu beeksise

Finfinnee, Hagayya 26, 2012 (FBC) – Koorporeeshiniin Misooma Indaastirii Paarkiiwwanii bara baajataa darbetti oomisha gatii doolaara miiliyoona 100 fi miiliyoona 65 baasu gara alaatti erguu beeksise.

Raawwichi bara darbe waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu garagarummaa Doolaara miiliyoona 54.8 akka qabu ibsameera.

Koorporeeshinii Misooma Indastirii Paarkiiwwaniitti Hoogganaan Gabaa fi Komunikeeshinii obbo Darribee Dabalee bara baajataa xumuramanitti oomishaalee gabaa alaaf dhiyaatanirraa galiin argameera jedhan.

Bara baajatichaatti abbootii qabeenyaa 59 hawwachuuf yaadamee 28 gara paarkiwwanitti bobbaasuun karoorichi %47 hojiirra oolera jedhan.

Ityoophiyaatti bara darbe paarkoota inadastirii irraa galiin Doolaara miiliyoona 400 fi miiliyoona 43.7 argamu ragaan Koorporeeshinii Misooma Indaastirii Paarkiiwwanii irraa argama ni muldhisa.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

Comments (0)
Add Comment