Koorporeeshinichi Paarkiiwwan indaastirii Maalaawwii waliin walta’iinsaan hojjechuuf waliigale

Finfinnee, Fulbaana 7, 2016 (FBC)- Koorporeeshiniin Misooma Paarkiiwwan Indaatirii Itiyoophiyaa, Paarkiiwwan Indaastirii Maalaawwii waliin walta’iinsaan hojjechuuf waliigalteerra ga’uun ibsame.

Dhimmicha ilaalchisuun garee jilaa Paarkiiwwan Indaastirii Maalaawii waliin kan mari’atame yoo ta’u Maalaawwiitti paarkii indaastirii hundeessuuf Koorporeeshinii Misooma Paarkiiwwan Indaastirii Itiyoophiyaarraa muuxannoo akka qooddatan ibsaniiru.

Koorporeeshiniin Paarkiiwwan Indaatirii Itiyoophiyaas tumsaa barbaachisaa akka taasisuuf gaafataniiru.

Walta’iinsaan hojjechuufis waliigalteerraa ga’uun ibsameera.
Miseensonni garee jilaa Paarkiiwwan Indaastirii Maalawwii turtii isaaniin sochiiwwan hojii paarkiiwwan indaastirii Hawaasaa fi Boolee Lammii daawwachuu ragaan koorporeeshinicharraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment