Kooriyaatti weerarri vaayrasii koroonaa irra deebiin sodaa uumera

Finfinnee, Caamsaa 3, 2012 (FBC) – Kooriyaa Kibbaatti weerarri vaayrasii koroonaa irra deebiin sodaa uumera.
 
Biyyattiitti guyyaa har’aa qofa namoota 35 irratti vaayrasichi argameera.
 
Qorannaa sa’aa 48 keessatti namoonni 69 vaayrasichaan qabamaniiru jedhameera.
 
Namoonni hedduun vaayrasichaan qabaman manneen dhiichisa halkanii keessatti.
 
Amma ammaatti namoota iddoolee akkanaa turan kuma 4f qorannaan laabraatoorii taasifameera.
 
Kumni 3 ammoo sakatta’amaa jiru.
 
Bifuma walfakkaatun Chaayinaanis weerara vaayrasichaatin sodaa keessa galteetti.
 
Sa’aawwan darban keessatti namoota 17 irratti vaayrasichi argameera.
 
Kana keessaa namoonni 5 jiraattota bulchiinsa Wuhaani.
 
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
Comments (0)
Add Comment