Kooriyaan Kibbaa Ityoophiyaatti misooma waaraa bunaa hundeessufi

Finfinnee,Waxabajjii 12, 2012 (FBC) – Kooriyaan Kibbaa Ityoophiyaatti misooma waaraa bunaa hundeessufi.
 
Dhaabbanni misooma bosonaa Kooriyaa Kibbaa SK jedhamu, Dhaabbata Tajaajila Bosonaa Kooriyaa Kibbaa waliin ta’uudhan Ityoophiyaatti misooma waaraa bunaa hundeessuf akka ta’e beeksise.
 
Misoomni waaraa kunis naannoo Kibbaatti kan hundeeffamu yoo ta’u, kanaanis bosonaa skuweer meetira kuma 10 kan misoomsu ta’uu beeksiseera.
 
Qabeenya naannoo dandamachiisuu fi eeguuf biqiltuu haphee fi ixaanaa dabalatee mukkeen addaddaa lafa skuweer meetira kuma 700 irratti kan misoomsu ta’uu beeksiseera.
 
Misooma bunaatin cinaatti teeknooloojii misooma bosonaarratti ogeeyyii biyya keessatiif leenjii kan laatu ta’a.
 
Bunni misoomes gatii madaalawaadhan Kooriyaa Kibbaatif kan dhiyaatu ta’as jedhameera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
Comments (0)
Add Comment