Kooriyaan Kibbaa Ityoophiyaa waliin misoomaafi hariiroo idil-addunyaarratti tumsaan kan hojjetu ta’uu ibsite

Finfinnee, Sadaasa 7, 2016 (FBC) – Itti Aanaan Ministira Muummee fi Ministirri Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Makonniin Pireezidaantii Ejansii Tumsa Idil Addunyaa Kooriyaa Kibbaa Chaang Waansaam waliin mari’ataniiru.

Hariiroo waloo seenaa qabeessa biyyoota lamaanii ilaachisee mari’achuu isaanii ibsameera.

Hariiroon hundagaleessi Itiyoophiyaan Riippaablika Kooriyaa Kibbaa waliin qabdu damee hundaan sadarkaa olaanarra ga’uu Obbo Dammaqaan ibsaniiru.

Keessattuu Kooriyaan Kibbaa misooma waaraan muxannoo cimaa qabaachuu fi Itiyoophiyaan muxannoo kana kan fudhattu ta’uu eeraniiru.

Kooriyaan Kibbaa michoota misoomaa xiyyeeffannoo addaa kennituuf keessaa Itiyoophiyaan tokko ta’uu Chaang Waansam ibsaniiru.

Yeroo ammaas pirojektoonni 18 fi sagantaaleen leenjii sadii biyyattii keessatti hojiirra oolaa jiraachuu dubbataniiru.

Kooriyaan Kibbaa Ityoophiyaa waliin misoomaafi hariiroo idil-addunyaarratti tumsaan hojjechuu cimsitee kan itti fuftu ta’uu eeruun ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment