Kooriyaan Kaabaa yaalii misaa’ela fageenya dheeraa taasiste

Finfinnee, Hagayya 15, 2015 (FBC)- Wayita Kooriyaan Kibbaa fi Ameerikaan Shaakala waraanaa waggaa waggaan gaggeessan eegalanitti, Pireezidaantiin Kooriyaa Kaabaa Kiim Joongi Uun yaalii misaa’ela fageenyaa dheeraa furguggifamuu taasisuun gabaafame.

Shaakala waraanaa Ameerikaa fi Kooriyaa Kibbaa kana Piyoongiyaangi akka waraanaatti kan ilaaltu ta’un ibsameera.

Kiim, garee humna galaanaa naannawaa Baha biyyattii wayita daawwatanitti yaalii misaa’elaa gaggeessuu Aljaziiraan miidiyaa biyyattii wabeeffachuun gabaseera.

Gabaasni miidiyaa biyyatti kun kan ba’e, Kooriyaan Kibbaa fi Ameerikaan shaakala waraanaa Gaachana Bilisummaa Alchi jedhamu wayita eegalanitti yoo ta’u, shaakala kana keessatti biyyoota lameen irraa loltoonni kumaatamatti lakkaa’aman hirmaachuu fi haleellaa niwukilaraa fi misaa’elaa Kooriyaa Kaabaarraa aggaamamuuf dandeetti qolachuu isaanii guddisuuf akka ta’e eerameera.

Piyoongiyaang shaakalaa waraanaa biyyoonni lameen gaggeessan kana kan balaaleffattu ta’uu ibsuun, qophii waraanaaf taasifamuuf deebii kennuuf ‘tarkaanfii hammaataa’ akka fudhattu akeekkachiisaa turuun ibsameera.

Kooriyaan Kaabaa dhuma bara Faranjootaa 2021 irraa eegalee misaa’ela fageenya dheeraa furguggifamu kan niwukilara baachuu danda’u yaalii taasisaa turuun eerameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment