Kooriyaan Kaabaa Saatilaayitii basaasaa gara Hawaatti furguggisuu ibsite

Finfinnee, Sadaasa 12, 2016 (FBC)- Kooriyaan Kaabaa Saatilaayitii basaasaa milkaa’inaan gara Hawaatti furguggisuun gabaafame.

Barana yaaliin yeroo 2ffaaf taasiste kan jalaa fashalaa’ee ture Kooriyaan Kaabaa, amma deeggarsa Raashiyaatiin sagantaa saatilayitii furguggisuu milkaa’inaan raawwachuun ibsameera.

Kanaan dura Pireezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Putiinii fi Pireezidaantiin Kooriyaa Kaabaa Kiim Joongi Uun kan wal argan yoo ta’u, Moskoon sagantaa qorannoo hawaan Piyoongiyaangiif deeggarsa haala taasisuu dandeessisturratti mari’achuun ni yaadatama.

Tarkaanfii kana hordofee Kooriyaan Kibbaa naannawaa daangaa biyyoota lameeniitti to’annoo taasistu irra deebiin kan eegaltu ta’uu beeksisteetti.

Biyyoonni lameen bara Faranjootaa 2018 muddama waraanaa tasgabbeessuuf dhimmoota waliigalan gartokkeen dhiisuuf tarkaanfii kan fudhattu ta’uu ibsiteetti.

Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii, Ameerikaa fi Jaappaaniin dabalatee biyyoonni biroon gochicha balaaleffataniiru.

Barreessaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Guutereez, teeknooloojii misaa’ela baalaastikii gargaaramuun gochi raawwattu kamuu murtee Mana Maree Nageenyaa kan faallessuu ta’uu ibsuu BBC’n gabaaseera.

Dabalataanis, gara niwukilara dhabamsiisuutti akka deebitu waamicha dhiyeessaniiru.

Ameerikaan gama isheetiin tarkaanfichi murteewwan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii cabsuudha jechuun mormiteetti.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment