Kooriyaan Kaabaa Raashiyaaf deeggarsa meeshaa waraanaa hin taasifne jechuun haalte

Finfinnee, Onkololeessa 29,2015 (FBC)- Kooriyaan Kaabaa Raashiyaaf deeggarsa meeshaa waraanaa kan hin taasifne ta’uu beeksifte.

Himannaa Ameerikaan biyyattiin Raashiyaaf deeggarsa meeshaalee waraanaa taasifteetti jechuun dhiyeessite bu’uura hin qabu jechuun Kooriyaan Kaabaa dhimmicha haalteetti.

Tibba darbe Waashingitan Kooriyaan Kaabaa waraana Raashiyaafi Yuukreeniin walqabatee karaa dhoksaa ta’een Raashiyaaf deeggarsa meeshaalee waraanaa ergaa jirti jechuun qeequun ishee kan yaadatamudha.

Mooskoonis gamasheen,  himannichi fudhatama kan hin qabneefi bu’uura maleessa ta’uu ibsiteetti.

Kooriyaan Kaabaas himannichi bu’uura kan hin qabneefi maqa-balleessii ta’uu ibsiteetti.

Dhimmichaan walqabatee anga’aan Raayyaa Ittisa Biyyaa Kooriyaa Kaabaa, Ameerikaan raga bu’uura hin qabne tamsaasaa jiraachuu eeraniiru.

Raashiyaa waliin hariiroo deeggarsa meeshaalee waraanaa kan hin qabneefi gara fuuladuraattis karoora akka hin qabne beekamuu qaba jechuu RTn gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment