Kooriyaan Kaabaa qondaala Kooriyaa Kibbaa ajjeefteef dhiifama gaafatte

Finfinnee, Fulbaana 15, 2013 (FBC) –Kooriyaan Kaabaa qondaala Kooriyaa Kibbaa ajjeefteef dhiifama gaafatte.
Hoggaanaan Kooriyaa Kaabaa Kiim Joong Uun ajjeecahaa qondaala Kooriyaa Kibbaaf dhiifama gaafachuusaanii Biiroon preezdaantii Kooriyaa Kibbaa beeksise.
Kiim Joong Uun, qondaalli Kooriyaa Kibbaa umrii waggaa 47 ajjeefamuu hin qabu ture, waan jibbisiisaadha jechuun dhiifama gaafatananiiru.
Loltoonni Kooriyaa Kaabaa qaama bishaanii biyyasaanii keessatti qondaala argatan rasaasaan rukutanii erga ajjeesanii reeffa isaa ibiddan gubuu Kooriyaan Kibbaa beeksisifteerti.
Kooriyaa Kaabaa weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf jecha namoonni daangaa qaxxaamuruuf yaalaan akka rasaasaan rukutamanii du’an imaammata baafattee qabdi.
Kiim Joong Uun xaalayaa gitasaanii Preezdantii Kooriyaa Kibbaa Muun Jeyi –in erganiin dhiifama gaafachuu isaanii ibsameera.
Kooriyaan Kaabaa reeffii namticha bishaaniirra bidiruun osoo imaluu ajjeefame kan hin gubanne ta’uu ibsiteerti.
Yaa ta’uutii wanti inni ittiin imalaa ture gubachuu himteerti.
Waggaa 10 as ajjeechaan Kooriyaa Kaabaan qondaala Kooriyaa Kibbaarratti raawwatame kun isa jalqabaa ta’uu ibsameera.
Madda:-BBC
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Comments (0)
Add Comment