Kooriyaan Kaabaa qocholoon diinaa hammaannaan Niwukilara fayyadamuun kan hin oolle ta’uu akeekkachiifte

Finfinnee, Mudde 11, 2016 (FBC) – Kooriyaan Kaabaa qocholoon diinaa hammaannaan Meeshaa waraanaa Niwukilarii fayyadamuun kan hin oolle ta’uu akeekkachiifteerti.

Hogganaan biyyattii Kiim Joong Misaa’eelli Baalaastikaa Ardii ce’aa tibbana furgugsame milkaa’uu isaa leellisaniiru.

Misaa’eelichi milkaa’uu hordofee Kiim Joong hoggantoota waraanaa waliin wal arguun galateeffataniiru.

Misaa’elli baalaastikaa Ardiilee ce’aan kun milkaa’uun dandeettiin waraanaa Piyoongiyaang cimuu agarsiisa jedhan.

Diinonni keenya kanarra barachuu fi sodaachuu qabus jedhan.

Diinoonni qocholoo Kooriyaa kaabarratti kan akeekaan taanaan meeshaa waraanaa Niwukilarii fayyadamuuf ni dirqamna jedhan.

Biyyattiin birmadummaa ishee kabachiisuuf jecha hidhannoo waraanaa ammayyeessuu cimsitee kan itti fuftu ta’uu dubbataniiru.

Misaa’eela tibbana Kooriyaan kaabaa furgugsite hordofee Ameerikaa, Jaappaanii fi Kooriyaan Kibbaa shaakala waraanaa dabalataan gaggeessuu RTn gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment