Kooriyaan Kaabaa Misaa’eeloota Baalaastiikaa 4 gara Kooriyaa Kibbaatti furgugsite

Finfinnee, Onkololeessa 26, 2015 (FBC) – Kooriyaan Kaabaa Misaa’eeloota Baalaastiikaa fageenya dhiyoo imalan 4 gara kutaa bulchiinsa Kooriyaa Kibbaatti furgugsiteerti.

Shaakala humna waraana waloo humna Qilleensaan deeggarame Ameerikaa fi Kooriyaan Kibbaa taasiisaa turan xumuramuu hordofee Piiyoongiyaan Misaa’eloota kanneen furgugsuu ibsameera.

Misaa’eloonni kunneen fageenya Kiiloo Meetira 130 imaluun Qarqara Galaanaa Lixa Kooriyaa Kibbaatti bu’uu isaanii eerameera.

Shaakalli humna waloo Ameerikaa fi Kooriyaa Kibbaan taasisaa turan Xiyyaaroota waraanaa 240, Xiyyaara Boombii darbatan US B- 1B lama, F- 16 afurii fi Jeettiwwan F- 35A 4 kan hirmaachise ta’uu Hoggantoonni humna waraanaa waloo Kooriyaa Kibbaa beeksisaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment