Kooriyaan Kaabaa misaa’eela Baalaastikaa ardii qaxxaamuru danda’u furgugsuu beeksifte

Finfinnee, Onkololeessa 22, 2017 (FBC) – Kooriyaan Kaabaa misaa’eela Baalaastikaa ardii qaxxaamuruu danda’u Hawaasoong -19 jedhamu furgugsuu beeksifte.

Hawaasong -19 seenaa yaalii misaa’eelaa keessatti misaa’eela fageenya olaanaa furgugsamuu danda’u 2ffaadha jedhame.

Biyyattiin guyyaa kaleessaa yaalii misaa’eelaa kana taasiisuun addunyaatti agarsiisuu ibsameera.

Kaayyoon isaas Filannoo Pireezidaantummaa Ameerikaa yeroo itti aanu gaggeeffamu, akkasumas Kooriyaan Kaabaa Loltoota ishee Raashiyaaf erguu hordofee mormii biyya keessaa mudataa jiruuf irree mul’isuuf ta’uu ibsameera.

Yaaliin kun bakka Pireezidaantiin biyyattii Kiim Joong Uun argamanitti gaggeeffamuu BBCn gabaaseera.

Raawwiin Misaa’elichaa Kooriyaan Kaabaa Humna Niwukilariin biyya jabduu ta’uu ummata addunyaaf kan mirkaneesse jedhan Pireezidaanti Kiim Joong Uun.

Misaa’elichi Kooriyaa Kaabaa – Ameerikaa qaqqabuu danda’an jedhame.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment