Kooriyaan Kaabaa Misaa’eela Baalaastiikaa Ardii qaxxaamuru furgugsite

Finfinnee, Mudde 8, 2016 (FBC) – Kooriyaan Kaabaa Misaa’eela Baalaastiikaa Ardii qaxxaamuru furgugsuu gabaafameera.

Kooriyaan Kibbaa fi Ameerikaan haala haleellaa Niwukilarii Kooriyaa Kaabaa qolachuu danda’anirratti marii gaggeessuu isaanii hordofee Piyoongiyaang Misaa’eela kan furgugisuu eerameera.

Misaa’eelli kun Kiiloo Meetira kuma 15 imaluu danda’a jedhame.

Kunis naannawaa Jaappaan hundaa fi Bulchiinsoota Ameerikaa jajjabboo uwwisuu kan danda’u ta’uu eerameera.

Misaa’eelli Baalaastikaa dhiyeenya Piyoongiyaangi dhuka’e kun dachee Kooriyaa Kibbaa Kiiloo Meetira kuma 1 uwwisuu Anga’oonni biyyattii beeksiisaniiru.

Yaalii Misaa’eelaa dhorkaawwan idil addunyaa sarbe jechuun Manni Maree Nageenyaa Kooriyaa Kibbaa himateera.

Kooriyaan Kibbaa fi Ameerikaan duula Ittisa Niwukilaaraa eegalan caalmaatti cimsuu fi ammayyeessuu akka qaban manni marichaa waamicha dhiyeessuu ‘Reuters’ gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment