Kooriyaan Kaabaa miisaa’ela fageenya gabaabaa furgugsite

Finfinnee, Bitootessaa 12, 2012 (FBC)- Kooriyaan Kaabaa miisaa’ela fageenya gabaabaa furgugsite.

Miisaa’eelicha Piyoongiyaang jalqaba baatii kanaatti irra deebiin kan yaalte yoo ta’u, gara galaana Jaappaanitti kan furgugfamedha jedhameera.

Humni galaanaa Jaappaan naannoo galaanichaa jiru miisaa’elli furga’e toorichatti qubachuu beksiseera.

Kooriyaan Kibbaas gama isheetin yaaliin dabalataa yoo jiraate jechuun dhimmicha hordofaan jira jetteetti.

Rayyaan ittisaa biyyatti ibsa baasen tamsa’inni vaayrasii koroonaa biyyattiif wayita yaaddessaa ta’etti yaaliin taasifamu fudhatama hin qabu jechuun ibseera.

Maddi:-BBC

Comments (0)
Add Comment