Kooriyaan Kaabaa Miisaa’ela Baalaastikii ardii qaxxaamuru 7ffaa furguggisiifte

Finfinnee, Onkololeessa 24, 2015(FBC)- Kooriyaan Kaabaa Miisaa’ela Baalaastikii ardii qaxxaamuru yeroo 7ffaaf furguggisiisuu gabaafame.

Biyyattiin yeroo dhiyoottis yaalii meeshaa niwukilaraa ni taasifti jedhamee shakkameera.

Biyyattiin Miisaa’ela Baalaastikii ardii qaxxaamuru yeroo 7ffaaf kan furguggisiifte wal jijjiirraa dhukaasa miisaa’elaa Kooriyaa Kibbaa waliin erga taasifteen guyyaa tokko booda ta’uu gabaafameera.

Biyyattiin guyyaa kaleessaa misaa’ela hedduu furguggisuu eerameera.

Ameerikaafi Kooriyaan Kibbaa shaakala waloo qilleensarraa taasisuu hordofee Kooriyaan Kaabaa gochichi fudhatama kan hin qabneefi  qoccolloo ta’uu ibsuun balaaleffachaa turuu yaadachiifameera.

Kooriyaan Kaabaa miisaa’ela Baalaastikaa furguggisuu aanga’oonni Kooriyaa Kibbaa mirkaneessuufi misaa’elli furguggifame  ardii kan qaxxaamuru ta’uu BBCn gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment