Kooriyaan kaabaa magaaloota daangaashee irratti labsii yeroo ariifachiisa labsite

Finfinnee, Adoolessa 19, 2012 (FBC) – Kooriyaan kaabaa shakkamaan vaayrasii koroonaa argamuu irratti hundooftee naannoo daangaatti labsii yeroo aarifachiisa labsite.

Vaayrasiin koroonaa addunyaarratti keessayu Chaayinaa magaalaa Wuhaanitti erga muul’ate baatiwwan 7 kan lakkoofsisee ta’us, Kooriyaan kaabaa garuu yeroo jalqabaaf nama vaayrasii koroonaan shakkamee argadhee kan jette.

Kanarratti hunda’uun hogganaan Kooriyaa kaabaa Kiim Joong Uun, magaaloota naannoo daangaatti argaman irratti labsii yeroo ariifachiisa labsuu dubbataniiru.

Dabalataniis magaaloota daangaa Kooriyaa kaabaattii sochiin namootaa fi kanneen biroon akka dhorkaman ajaja dabarasaniiru.

Kooriyaan kaabaa murtoo kana kan dabarsiteefis namni vaayrasii koroonaan qabamuu shakkamee karaa seeraan alaa daangaa Kooriyaa kibbaa kutuun seenuu irratti akka hunda’ee beekameera.

Nama dhuunfa vaayrasiin koroonaa irratti argamuu erga mirkana’ee Kooriyaa kaabaatti yeroo jalqabaf namni vaayrasichaan qabame ta’u dubbatama jira.

Maddi፦ reuters.com

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

 

Comments (0)
Add Comment