Kooriyaan Kaabaa loltoota kuma 10 gara Raashiyaatti erguu Ameerikaan beeksifte

Finfinnee, Onkololeessa 19, 2017 (FBC) – Kooriyaan Kaabaa loltoonni kuma 10 ta’an Raashiyaa tumsuun Yuukreen akka waraanaan gara Raashiyaatti erguu Ameerikaan beeksifte.

Loltoonni Kooriyaa Kaabaa kunneen yeroo ammaa Baha Raashiyaa qubatanii jiraachuu ibsameera.

Torbee itti aanu leenjii fudhachuun Raashiyaa tumsuun Yuukreen waraanuu eegalu jedhame.

Biyyattiin loltoota kannneen gara sana erguun Waraana Raashiyaa – Yuukreen caalmaatti cimsuu akka danda’u eerameera.

Loltoonni Kooriyaa Kaabaa kumni 10 leenjii Waraanaa fudhachuuf Baha Raashiyaa ga’uu isaanii Dubbii Himaan Peentaagan Saabriinaa Siing ibsaniiru.

Kumni 3 ammoo gara Daangaa Yuukreenitti dhiyaachuu himaniiru.

Kooriyaan Kaabaa loltoota ishee gara Raashiyaa erguun Kooriyaa Kibbaafis ta’ee hawaasa idil addunyaaf sodaa nageenyaa ta’uu Pireezidaantiin Kooriyaa Kibbaa Yuun Suuk Yoon dubbataniiru.

Tumsi waraanaa biyyoota lamaan gidduutti uumame gochaa seeraa alaati jechuun balaaleeffachuu isaanii Al Jazeeran gabaaseera.

Barreessaan olaanaa Dhaabbata Waadaa Waraanaa Kaaba Atlaantiik (NATO) Maark Ruut gochi Kooriyaa Kaabaa kun waraanni Raashiyaa fi Yukireen hammaataa dhufuu agarsiisa jedhan.

Ameerikaa fi Kooriyaan Kibbaa dhimmicha ilaalchisee torbee kana Waashingitan DCtti mari’achuuf ta’uu gabaasichi eereera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment