Kooriyaan Kaabaa sagantaa misooma nuukleeraa adda kutte eegaluufi

Finfinnee, Muddee  22,  2012 (FBC) – Hogganaan Kooriyaa Kaabaa Kiim Joong Uun sagantaa misooma nuukleeraa adda citee ture bifa haaraan kan itti fufsiisan ta’uu himan.

Kiim Joong yaaliin miisaa’ela fageenya giddu galeessaa yeroo dhiyootti kan eegalamu ta’uu ibsaniiru.

Ameerikaan dhimma nuukleerii irratti yaada walii galtee haaraa dhiyeessurra Kooriyaa Kibbaa waliin shaakkallii waraanaa eegaluun ishee Kiim Joong yaada isaanii akka jijjiiraniif sababa jedhameera.

Kanumaan walqabatee Kooriyaan Kaabaa yeroo dhiyootti meeshaa waraanaa haaraa addunyaatti akka agarsiiftu ni eeggama.

Karoorri haaraan kun hojii irra kan oolu sochii fi gochaa Ameerikaan taasiftu irratti kan hundaa’u akka ta’e Kiim dubbataniiru.

Dubbii isaaniin Piiyoongiyaang marii kamiifuu balballi ishee banaa ta’uu ibsaniiru.

Dubbii Kiim Joongi booda yaada kan laatan Preezdaantiin Ameerikaa Doonaald Traamp Kiim naannicha nuukleera irraa bilisa taasiisuuf waliigaltee mallatteessuu isaanii yaadachiisaniiru.

Traamp ibsa gaazexeessitootaf laataniin Kiim waadaa isaanii ni eegu jedheen yaada jedhaniiru.

Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Maayk Poompiyoon gama isaanitiin Kooriyaan Kaabaa lola caalaa nageenyaa fi guddina akka filattu nan amana jedhaniiru.

Kiim Joong kana dura Waashiingitan fedhii Piiyoongiyaang kan hin guunne taanan daandii haaraa kan filatan ta’uu dubbataniit turan.

Xiinxaltoonnis Kooriyaan Kaabaa misaa’eloota fageenya giddugaleessa fi biyya qaxxaamuruu danda’an irra deebiin yaaluu akka dandeechu ibsaa jiru.

Maddi:-BBC fi Aljaziiraa

 

 

Comments (0)
Add Comment