Kooriyaan kaabaa bara Faranjootaa xumurameetti sagantaaa Niwukilaraashee itti fufteetti jedhame

Finfinnee, Gurraandhala 2, 2013 (FBC)- Kooriyaan kaabaa bara Faranjootaa xumurameetti sagantaaa Niwukilaraashee cimsitee akka itti fuftee Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii beeksiseera.
Sagantaa Niwukilaraashee cimsiite kan itti fuftee biyyattin qoqqobbi idil addunyaatin isheerraa kaa’amee dagachuuni jedhameera.
Sagantaa isheef kan gargaruu saaybarii intarneetitiin doolaara Ameerikaa miiliyoona 300 argachuu ishee ragaan ni muul’dhisa.
Dubbi himaan bulchiinsa Ameerikaa haara dhimma Kooriyaa kabaa dhiyeessii haara akka horodofaan beeksiseera.
Bara faranjoota 2018 fi 2019 preezdaantiin Ameerikaa duraanii Doonaald Tiraampii fi hoogganaan Kooriyaa Kabaa Kiim Juung Uun yeroo 3f wal arguun mari’achuun isaanii ni yaadatama.
Marii isaanii milkoofnee kanaan Ameerikaan biyyattiin sagantaa Niwukilaraa akka dhaabduuf wayita gaafatamtuus Kooriyaan Kaabaa gama isheetin qoqqobbichi akka isheerra ka’uuf fedhii qabdi.
Maddi:-Aljaziira
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment