Kooriyaan hariiroo Ityoophiyaa waliin qabduuf iddoo addaa laatti – Ambaasaaddar Lii Saangijii’oong

Finfinnee, Waxabajjii 29, 2013 (FBC) – Kooriyaan hariiroo Ityoophiyaa waliin qabduuf iddoo addaa kan laattu ta’uu Sudaanitti Ambaasaaddarri Kooriyaa Ambaasaaddar Lii Saangijii’oong dubbataniiru.
Sudaanitti ergamaan addaa Ityoophiyaa Ambaasaaddar Yibalxaal Ayimiroon Sudaanitti Ambaasaaddara Kooriyaa Ambaasaaddar Lii Saangijii’oong waliin dhimmoota waloorratti mari’ataniiru.
Haala waqtaawaa Ityoophiyaa, dhimma Hidha Haaromsaa fi waldhabdee daangaa Ityoo – Sudaanirratti mari’ataniiru.
Hariiroo seenaa qabeessa biyyoota lamaanirratti yaada wal jijjiiraniiru.
Kooriyaan hariiroo Ityoophiyaa waliin qabduuf iddoo addaa qabaachuu Ambaasaaddar Lii Saangijii’oong himaniiru.
Ityoophiyaan michuu dhugaa fi deeggartuu yeroo rakkinaa Kooriyaa ta’uu eeraniiru.
Waldhabdeen Hidha Haaroomsaa fi Daangaa Ityoo – Sudaan karaa nagaan akka furamuu Kooriyaan ejjennoo qabaachuu ibsuu isaanii ragaan Sudaanitti Imbaasii Ityoophiyaarraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment