Kooriidaroonni banaa ta’an sochii fooyya’aa fi daandii quunnamtii ijoo ta’aniiru-WMM

Finfinnee, Waxabajjii 3, 2016 (FBC)- Magaalaa Finfinneetti Kooriidaroonni misoomanii tajaajilaaf banaa ta’an sochii fooyya’aa fi daandii quunnamtii ijoo ta’uu Waajjirrii Ministira Muummee ibse.

Waajjirichi akka ibsetti, hojiilee misoomaa kooriidarii shanan keessaa tokko xumuramuu fi tajaajila ummataaf banaa ta’uun milkaa’ina olaanaadha.

Kooriidaroonni Araat kiiloo, Riqicha Raas Mokonniin, Addabaabaayii Daagool, Koondomiiniyamii Galaanaa Diimaa fi Mana Muuziqaa Mahaammud, Addabaabaayii Tewoodiroos sadarkaa ajaa’ibsiisaan hojjitamanii banaa ta’an sochii fooyya’aa fi daandii quunnamtii ijoo ta’uu himeera.

Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimadii fi Giiftii Duree Zinnaash Taayyaachoon qondaaltota olaanoo mootummaa waliin kooriidaroota kanneen kaleessaa daawwachuu yaadachiiseera.

Hojiilee bu’uuraalee misoomaa gamaaggamuun, miidhaginaa fi misoomaa magariisaan hojilee haaromsaa dinqisiifataniiru.

Daawwannichis bu’uuraalee misoomaa daandii fooyya’aa dabalatee naannawaa jireenyaaf mijataa waaraa uumuuf kutannoo mootummaan qabuu kan argisiisuu ta’uu ibseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment