Koonfiransii nageenyaa Bulchiinsa Magaalaa Asallaatti gaggeeffame

Finfinnee, Waxabajjii 23, 2016 (FBC)-Koonfiransiin nageenyaa kutaalee hawaasaa garagaraa hirmaachise Bulchiinsa Magaalaa Asallaatti gaggeeffameera.

Koonfiraansicharratti Hogganaa Biiroo misooma magaalaa Fi Mannneenii Oromiyaaa Obbo Muhaammad Guyyee, Hogganaa Ittisa Yakkaa Koomishinii Poolisii Oromiyaa Darajjee Baay’isaa, Hogganaa Waajjira Milishaa Oromiyaa obbo Abarraa Bunnoo dabalatee qondaaltonni godinaa fi magaalatti hirmaataniiru.

Kantiibaan bulchiinsa magaalaa Asallaa Obbo Simee Tsaggayee kakka jedhanitti, gatiin nageenyaa addunyaarraa waa hundaa ol ta’uu fi tokkummaa jabaa qabaachuun iccitii nageenya ta’uu magaalattii ta’uu himan.

Nageenyi magaalattii akka mirkaanaa’uuf hirmaannaa jiraattoonni taasisaniif galateeffataniiru.

Hogganaa Qajeelcha poolisii magaalaa Asallaa Komaandar Baanataa Bokkuu nageenya magaalaa Asallaa eegsisuu keessatti hawaasni caasaa nageenyaa waliin ta’uun gahee bahachaa ture olaanaa ta’uu kaasaniiru.

Nageenya magaalatti eegsisuuf caasaa nageenyaaf doqdoqqeewwan 15 arjoomamuu dubbataniiru.

Muhaammad Guddataa fi Oliyaad Badhaaneetu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment