Koonfiraansiin qorannoo Idil-addunyaa 3ffaan yuunivarsiitii Bulee Horaatti geggeeffamaa jira

Finfinnee, Caamsaa 25, 2015 (FBC)- Koonfiraansiin qorannoo Idil-addunyaa 3ffaan horsiisa beelladaa fi jijjiirama qabeenya qilleensaa irratti xiyyeeffate Yuunivarsiitii Bulee Horaatti geggeeffamaa jira.

Koonfiraansii kun, Yuunivarsiitii Bulee Horaatiin kan qophaa’ee yoo ta’u, hayyoonni qorattoonni Naannoo, Biyyaalessaa fi idil Addunyaa hirmaachaa jiru.

Koonfiraansichi akkaataa horsiisee bultoonni jijjiirama qabeenya qilleensaa dandamachuu danda’an irratti kan xiyyeeffatee fi bu’aaleen qorannoo garaagaraa dhiyaachuun kan mari’atamu ta’uun ibsameera.

Dinqaa Baacaa fi Zufaan Kaasaahun’tu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment