Koonfiraansiin nageenya tiraafikaa Magaalaa Shaggar gaggeeffame

Finfinnee, Waxabajjii 26, 2016 (FBC)- Koonfiraansiin Nageenya tiraafikaa Magaalaa Shaggar gaggeeffameera.

Koonfiraansichi mata duree “Dogoggora kootiin lubbuun nama tokkoo hindarbiin” jedhuun gaggeeffameera.

Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Dooktar Tashoomaa Addunyaan akka jedhanitti, hanqina hubannoo nlubbuun namaa qaaliin akka hinbanne xiyyeeffannoon hojjatamuu qaba.

Hanaga ammaatti hojiileen gama nageenya tiraafikaan hojjatamaan fakkeenya ta’uu kaasuun, bara itti aanuutti milkaa’ina caalmaaf hojjachuun barbaachisaa ta’uu himaniiru.

Hogganaa Ejensii Geejjibaa Oromiyaa Obbo Daani’eel Charinnat, balaan tiraafikaa balaa namtolchee waan ta’eef hawaasni yeroo geejibaan imalu mirga isaa kabachiisuu qaba jedhan.

Taarifaan ala fe’uu, gahuumsa malee tajaajiluun yakka ta’uu hawaasni hubannoo gahaa argachu qaba jedhan.

Hirmaattonni waltajjichaas, abbaa nageenyaa ta’uun balaa tiraafikaa hambisuuf qoodaa isaanii kan bahatan ta’uu ibsaniiru.

Waltajjicharrattis qaamolee milkaa’ina hojii nageenya tiraafikaaf gumaachaniif beekkamtiin kennamuu ragaan kominikeeshinii magaalichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment