Koonfiraansiin hariiroo naannolee ollaa ummata Oromoo, Sidaamaa fi Halaabaa Shaashamanneetti gaggeeffame

Finfinnee, Waxabajjii 15, 2016 (FBC)- Koonfiraansiin Waloo walitti dhufeenya ummatootaa naannolee ollaa ummatootaa Oromoo, Sidaamaa fi Halaabaa hirmaachise Magaalaa Shaashamanneetti gaggeeffame.

Waltajjicharratti Afyaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurahmaan, Afyaa’iin Naannoo Sidaamaa Aadde Faantaayee Kabbadaa, Bulchaan Godina Halaabaa Obbo Muhiddiin Huseen, Bulchaan Godina Arsii Lixaa Obbo Ahimad Hajii fi hoggantoonni Naannolee lamaanii fi Godinaa hirmaataniiru.

Aadde Sa’aadaa Abdurahmaan haasawaa taasisaniin, ummanni Oromoo ummata Sidaamaa, Halaabaafi ummattoota biroo ollaa isaa jiran waliin nagaa fi jaalalaan hawaasa bara dheeraaf jiraachaa jirudha jedhan.

Rakkooleen yoo mudatanis, ummattoonni kunniin aadaa fi duudhaa waliin qabaniin mari’atanii furachuudhaan ummata beekaman ta’uu kaasan.

Mootummaan Jijjiiramaa sabdaneessummaan bu’uura ijaarsa biyyaa ta’uu hubatee, ummattoonni mirga ofiin of bulchuu akka gonfatan taasisee, ummattoonni ollaa walii jiraatanis ollummaa gaariin jaalalaafi tokkummaa qaban cimsuun akka waliin jiraataniif xiyyeeffannoo kennee hojjechaa jiraachu himaniiru.

Bulchaan Godina Arsii Lixaa Obbo Ahimad Hajiis, hawaasa Oromoo, Sidaamaafi Halaabaan hawaasa safuu qaban, aadaa, duudhaafi seenaa walfakkaatu qaban, ummattoota bara dheeraaf obbolummaa dhugaan waliin jiraachaa turan ta’uu ibsaniiru.

Godinni Arsii Lixaa Naannoo Sidaamaa waajjin qindoominaan nageenyaa nananawichaa tiksa jiraachuu kaasaniiru.

Xilaahuun Yilmaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo mara waan nu waliin taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment