Koonfiraansii dargaggoota Oromiyaa 14ffaan gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Sadaasa 26, 2016 (FBC)- Koonfiraansiin dargaggootaa Oromiyaa 14ffaan mata duree “Egeree ijaaruun badhaadhina milkeessuu” jedhuun Magaalaa Adaamaa galma Abbaa Gadaatti gaggeeffamaa jira.

Koonfiraansicharratti Hogganaan Biiroo Dargaggoo fi Ispoortii Oromiyaa Obbo Maatiyoos Sobbooqaan haasawaa taasisaniin, dargaggoon humna diinagdeen biyya ijaaruu fi humna misoomaa waan ta’eef gurmeessuun egeree isaanii mirkaneessuun murteessaadha jedhan.

Koonfiraansicharratti Hogganaan Biiroo Dargaggoo fi Ispoortii Oromiyaa Obbo Maatiyoos Sobbooqaan haasawaa taasisaniin, dargaggoon humna diinagdeen biyya ijaaru fi humna misoomaa waan ta’eef gurmeessuun egeree mirkaneessuun murteessaadha jedhan.

Dhaloota badhaadhina mirkaneessu taasisuuf rakkoowwan gufuu dargaggootaa tahan furuuf xiyyeeffannoon, qindoominaan kan hojjetamu ta’uu ibsaniiru.

Giddugalli dargaggootaa babal’ifamuu dhabuun dargaggoonni araadaan qabamanii iddoo isaaniif hinmalle oolaa waan jiraniif kun hundeerraa furamuu qaba jedhan.

Oliyaad Ahimadiin

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment