Koomishiniin Poolisii Federaalaa Afrikaatti Dhaabbata fakkeenyummaa qabu akka ta’uuf ni hojjetama- Koomishinar Daamallaash Gabramikaa’eel

Finfinnee, Sadaasa 4, 2013 (FBC) – Koomishinii Poolisii Federaalaa Afrikaatti Dhaabbata fakkeenyummaa qabu taasisuuf kan hojjetamu ta’uu Koomishinarri Koomishinii Poolisii Federaalaa Daamallaash Gabramikaa’eel himaniiru.

Koomishinarri Koomishinii Poolisii Federaalaa Daammallaash Gabramikaa’eel hooggantoota Koomishinii Poolisii Federaalaafi miseensoota waliin ta’uun biyyattiin tajaajila poolisii foyya’aa fi ammayyaa kennuun Afrikaatti dhaabbata fakkeenyumma qabu akka ta’u taasisuuf gahee gamasaanii bahaachuuf qophii ta’uu himaniiru.

Koomishinarri duraanii Koomishinii Poolisii Federaalaa kan turan Indaashaaw Xaaseew, koomishinara haaraa muudaman Daammallaash Gabramikaa’eelitti hojii dabarsanii kennaniiru.

Sirna walharkaa fudhiinsa hojichaarraatti Koomishinichi hojiilee jijjiiramaan eegalaman irratti Koomishinara haaraaf ibsi godhameera.

Koomishinarri duraanii Koomishinii Poolisii Federaalaa kan turan Jeneraal Indaashaaw Xaaseew sanadoota ka’umsa hojii ta’an Koomishinara haaraa muudaman Daammallaash Gabramikaa’eeliitti kennaniiru jechuun ragaan Koomishinii Poolisii Federaalaarraa argame ni mu’lisa.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa

Comments (0)
Add Comment