Koomishiniin Marii Biyyaleessaa Hojii wayyuu Itiyoophiyaaf akka hojjetuuf hundi akka deeggaruuf Dooktar Abiy waamicha dhiyeessan

Finfinnee, Sadaasa 4, 2016 (FBC)-Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Koomishiniin Marii Biyyaleessaa Itiyoophiyaaf hojii wayyuu akka hojjetuuf hunduu deeggarsa taasisuu akka qaban waamicha dhiyeessan.

Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad gaaffilee miseensota Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataarraa ka’aniif ibsaa fi deebii kennaniin, carraa Koomishiniin Marii Biyyaleessaa fidee dhufeetti fayyadamuu qabna jedhaniiru.

Ibsa isaaniin, “Carraan kun yoo gubatee carraa walfakkataa argachuuf waggoottan dheeraa nutti fudhachuu danda’a”jedhaniiru.

Bara 1953’tti carraan jijjiiramaan argame nu jala baheera kan jedhan Dooktar Abiy, bara 1966 akkasumas 1983 lammata carra argannee itti hinfayyadamne jechuun ibsaniiru.

Carraan amma Koomishiniin Marii Biyyalessaa nuuf kennuu kara seeraa qabeessaan fayyadamuu qabnas jedhaniiru.

Dabalataniis Dooktar Abiy Ahimad ibsa kennanniin, Naannoo Amaraa fi Tigraayi gidduutti bakkeewwaan deebii barbadanitti, seeraa hordoffee, nageenya waaraa karaa kabajee fi walooma ummataa karaa durseen furmaataaf ni hojjenna jechuun dubbataniiru.
Furmaatni keenyaa qofti hojiirraa haa ooluu hinjenne kan jedhan Dooktar Abiy, qaamolee nageenya waaraa fi walooma ummataaf furmataa fidaniif balballii keenyaa banadhas jedhaniiru.

Fedhiin keenya naannoolee hundaa keessatti nageenyii waaraan mirkanna’ee arguu fi fedhiin ummataas kanarraa adda akka hintaane Dooktar Abiy Ahimad ibsa paarlaamaaf taasisaniin himaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment