Koomishiniin marii biyyaalessaa nageenya waaraaf jaarsolii biyyaa waliin mari’achaa jira

Finfinnee, Sadaasa 12, 2015 (FBC)–Koomishinii Marii Biyyaalessaa Ityoophiyaa nageenya waaraa mirkaneessuuf jaarsolii biyyaa waliin mari’achaa jiraachuun ibsame.

Kaayyoo koomishinichi hundaa’eef galmaan ga’uuf, jaarsolii biyyaa kutaalee biyyatti garaagaraarraa baba’an waliin mari’atamaa jira.

Komishinarri Olaanaa Koomishinichaa Pirofeesar Masfiin Ar’ayaan akka jedhanitti, jaarsoliin biyyaa durirraa eegalee aadaa, duudhaa fi amantaa haala kabajeen nageenyaaf gumaachaniiru.

Jaarsummaan calaqqee aadaa Ityoophiyaa keessaa tokko ta’uu eeruun, biyyattiitti nageenya waaraa mirkaneessuuf adeemsa eegalameef gaheen jaarsolii biyyaa olaanaa ta’uu ibsaniiru.

Biyyatti naannawaa tokko tokkotti walitti bu’iinsaa fi waldhabdee mul’atu hambisuuf koomishinicha waliin hojjechuu akka qaban hubachiisaniiru.

Minichil Azzazaatu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment