Koomishiniin Marii Biyyaalessaa bara 2015 ergama isaa %60 akka raawwatu beeksise

Finfinnee, Adoolessa 12, 2014 (FBC) – Koomishiniin Marii Biyyaalessaa bara baajataa 2015 ergama isaa %60 akka raawwatu beeksise.

Koomishinichi karooraa tarsiimoo waggootaa sadii keessaa karooraa bara 2015 Koree Qindeessaa fi Gorsaa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf dhiyeesseera .

Koomishinarri Olaanaa Koomishinicha Pirofeesar Masfiin Ar’ayaa, hojiileen qophii duraa xumuramuun, hojiileen boqonnaa qophii gaggeeffamaa jiraachuu eeraniiru.

Boqonnaa hojiirraa oolmaattis waltajjillee marii 20 qopheessuun namoota miiliyoona 2 akka mari’achiifaman himaniiru.

Bara baajatichaatti Birrii biiliyoona 3.2 mootummaarraa kan gaafatu ta’uu fi Birrii miiliyoona 208 dhaabbilee tumsitootaarraa kan walitti qabu ta’uu eeraniiru.

Hojiin ajandaa fi hirmaattota adda baasuu akkasumas caasaa diriirsuun hojiilee fuulduratti hojjetamuuf kallattiin kaa’aman ta’uu ibsaniiru.

Haayileyyesuus Siyyumtu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment