Koomishiniin Hojii Gamtaa Ityoophiyaa oomishaalee qonnaa 3’f beekamtii kenne

Finfinnee, Waxabajjii 29, 2014 (FBC) – Koomishiniin Hojii Gamtaa Ityoophiyaa Muuzii Arbaaminci, Mosee Awwii fi Appilii Cinchaaf beekamtii daldalaa kenneera.

Oomishaaleen qonnaa kunneen gabaa biyyaalessaa bal’inaan qaqqabsiisuuf ga’umsa olaanaa waan qabaniif, yeroo ammaa hanqina fuuncaa gabaa fi bu’uuraalee misoomaan qaqqabamaa ta’uu akka hindandeenye ibsameera.

Keessumaa fuuncaa galtee keessatti faddaaltonnii fi daldaltoonni muraasni gabaa to’achuun sirna gabaa walbuusaa uumuun, oomishaas ta’e, shamattoota fayyadamtoota utuu hintaasisiin turuu eerameera.

Bu’uuruma kanaan, oomishaaleen kunneen beekamtii daldalaa qabaachuun, naannichaatti oomishaalee Muuzii, Mosee fi Appilii baay’inaa fi qulqullinaan oomishuun bakka gabaa bal’aan jirutti dhiyeessuu fi sirna gabaa walbuusaa fooyyessuuf ni tumsa jedhamee eegamaa.

Maahileet Takilabirhaantu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment