Hidhattoonni nagaan hawaasatti akka makaman taasisuuf Koomishiniin Haaromsa Biyyaalessaa akka hundaa’u murtaa’e

Finfinnee, Sadaasa 3, 2015 (FBC) – Humnoonni hidhatan hidhannoo hiikkatanii hawaasatti akka makaman kan taasisu Koomishiniin Haaromsa Biyyaalessaa akka hundaa’uu Manni Maree Ministirootaa murteesse.

Manni Maree Ministirootaa walga’ii idilee 15ffaa har’a gaggeesseen dhimmoota garaagaraarratti mari’achuun murtoo dabarseera.

Haaluma kanaan, wixinee dambii hundeeffama Koomishinii Haaromsa Biyyaalessaa ilaalchisuun marii gaggeesseen, walitti bu’iinsa biyyattii naannawaa garaagaraatti mudachaa ture karaa nagaan furuu fi humnoonni gurmaa’anii hidhannoon socho’an, hidhannoo hiikkachuun hawaasatti makamuun jireenya nagaa itti fufinsa qabu akka jiraatan taasisuu, ijaarsa nageenyaa, diimokiraasii fi misoomaa biyyattii keessatti akka hirmaatan taasisuuf koomishinichi hundeeffamuun barbaachisaa waan ta’eef, manni marichaa mari’achuun guyyaa wixinichi raggaasifamee eegalee akka hojiirra ooluuf murteesseera.

Kana malees, wixinee labsii Raayyaa Ittisaa ilaalchisuun marii gaggeesseen Raayyaan Ittisaa walaba ta’ee birmadummaa biyyaa fi nageenya lammiilee eeguuf ergama isaa amanamtummaan akka bahatuuf riifoormii gaggeeffamaa jiru ittifufiinsaan mirkaneessuuf qajeelfama seeraa dirqamoota raayyicha fuulduratti eeggatuun kan madaaluu labsii hojiirraa oolaa jiru kan bakka bu’uu wixinee labsii dhiyaaterratti mari’achuun akka ragga’uuf Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti qajeelcheera.

Dabalataan, aangoo, qoodama hojii fi gurmaa’ina Misooma Intarpiraayizii Ityoophiyaa ilaalchisuun bal’inaan irratti mari’achuun yaadaa galteen gabbisuun guyyaa Gaazexaa Nagaariit irratti maxxanfamee eegalee akka hojiirra oolu murteesseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment