Koomishiniin Gumurukaa manneen jireenyaa fi daldalaa ijaarsisee kenne

Finfinnee, Qaammee 2, 2014 (FBC) – Koomishiniin Gumurukaa namoota harka qalleeyyii fi maanguddootaaf manneen jireenyaa 27 fi manneen daldalaa saddeet Birrii miiliyoona 15 ijaarsise fayyadamtootaaf dabarsee kenneera.

Komishinarri koomishinichaa Dabalee Qaabataa fi Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee furtuu manneenii jiraattota magaalattii harka qalleeyyiif kennaniiru.

Koomishinar Dabalee qaabataa lammiilee Finfinnee fi kutaalee biyyattii birootti argamaniif deeggarsi gama maraa taasisu cimee kan itti fufu ta’uu ibsaniiru.

Tajaajiloota hawaasummaa Finfinneetti gaggeeffamaniif deeggarsa adda durummaan koomishinichi taasisaa jiruuf bulchiinsa Magaalaa Finfinneeraa badhaasnii fi beekkamtiin kennameeraaf.

Koomishiniin Gumurukaa bara baajataa xumurame balaa uumamaa fi namtolcheen lammiilee miidhaamaniif meeshaalee fi maallaqaa Birrii biiliyoona 2.2 olitti tilmaamamu deeggarsa taasisuu ragaan koomishinicharraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment