Koomishinichi Paarkii Indaastirii East African waliin waliigaltee mallatteesse

Finfinnee, Guraandhala 17, 2015 (FBC)- Koomishiniin Invastimantii Ityoophiyaa Paarkii Indaastirii East African waliin waliigaltee misoomaa mallatteesseera.

Waliigaltechis Dhaabbataa ‘East African Holding’gara Paarkii Indaastiriitti guddisuuf kan dandeessisu ta’uun ibsameera.

Magaalaa Bishooftuutti lafa hektaaraa 100.6 irratti Paarkii Indaastirii East Afrikaa ijaaramu warsahaalee oomisha garaagaraa akka of keessatti qabaatu ibsameera.

Carraa hojii uumuu ce’umsa ogummaa fi teeknoolojii cimsuu, oomishaalee alaa galan hir’isuu fi alergee dabaluu keessatti gumaacha olaanaa akka qabaatu sirna waliigaltechaarratti ibsameera.
#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment