Koomishinichi hojiirra oolmaa fi bu’a qabeessummaa ajandaa biyyaalessaa hundeeffameef hundi kutannoon akka ka’u waamicha dhiyeesse

Finfinnee, Caamsaa 18, 2014 (FBC) – Koomishiniin Marii Biyyaalessaa Ityoophiyaa hojiirra oolmaa fi bu’a qabeessummaa ajandaa biyyaalessaa hundeeffameef hundi kutannoon akka ka’u waamicha dhiyeesseera.

Komishiiniin Marii Biyyaalessaa Ityoophiyaa ergaa waqtaawaa dabarseera. Guutuun ergaa isaa akka itti aanutti dhiyaateera.

Biyya keenya Ityoophiyaatti kutaalee hawaasa garagaraatin, gaggeessitoota siyaasaa, dhimmoota bu’uuraa biyyoleessaa ta’an irratti garaagarummaan yaadaa jiraachuu fi waliigaltee dhabuu hiikuuf mariiwwan biyyaaleessaa Ummataa bal’aa hirmaachisaan sadarkaa sadarkaan adeemsisuun waliigaltee biyyaalessaa uumuuf komishiniin kun hundaa’eera.

Umrii ji’oota sadii lakkoofsise kanaan tumaalee fi qajeelfamoota hojimaata keessoo baasuun cinaatti, qooda fudhattoota garagaraa waliin walbareera.

Hojiilee qophii duraa xumurudhaan gara boqonnaa qophiitti

ce’amaas jira.

Nageenyaa fi tasgabbiin biyyaaleessaa milkaa’ina raawwii adeemsa mariichaatiif murteessaa waan ta’eef, abbotiin amantaa, jaarsooliin biyyaa, hadhoolii nageenyaa fi dargaggoota, waldaalee hawaasaa, paartilee siyaasaa fi lammileen biyya keenyaa hundi yeroo kamiyyuu caalaa araara naannawaa fi biyyaaleessaa fiduuf gahee isaanii akka bahatan Komishinichi ergaa dabarsa.

Waliitti bu’iinsi fi waraanni iddoo hunda jiru hatattamaan dhaabbatee lammileen gara mariitti akka dhufan, qaamoonni dhimmichi kallattidhaan ilaallatu lammilee keenyaa fi hawaasa idil adunyaa nageenya barbaadu dhiibbaa akka taasisu komishinichi cimsee gaafata.

Yaada burqisiiftoota garee biraa, paartilee siyaasaa, ogeeyyii midiyaa waa’ee maalummaa fi barbaachisummaa marii biyyaaleessaa barumsaa fi ibsa ummataaf kennaniif Komishinichi kabajaa fi galata guddaa qabu ibsaa, sagantaa qophaa’u irratti hundaa’udhaan hawaasaaf afaan naannoo isaatiin tajaajila foyya’aa kennuuf waliin akka hojjannu waamicha dhiyeessa.

Ajandaa biyyaaleessaa kana hojiirra olchuuf ummanni keenya, Kutaaleen hawaasaa hundi, paartilee siyaasaa fi motummaan bu’aa qabeessummaa isaatiif kutannoodhaan akka ka’u komishinichi waamicha dhiyeessa.

Caamsa 18, Bara 2014

Finfinnee

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment