Koomishinichi Godina Haadiyyaaf meeshaalee Birrii miiliyoona 25 olii deeggarsa taasise

Finfinnee, Hagayya 30, 2014 (FBC) – Koomishiniin Gumurukaa kutaalee hawaasaa Godina Haayidiyyaa balaa namtolchee fi umamaan miidhaman dandamachiisuuf kan oolu meeshaalee Birrii miiliyoona 25.4tti tilmaamamu deeggarsa taasiseera.

Koomishinarrri koomishinichaa Dabalee Qaabataa sirna walharkaa fuudhiinsaa taasifameerratti haasawaa taasisaniin, kutaalee biyyattitti sababoota garaagaraatiin midhaa hawaasummaatiif kanneen saaxilamaniif deeggarsa Birrii miiliyoona 5.8tti tilmaamu taasifamuu ibsaniiru.

Koomishiniin Gumurukaa itti gaafatamaa mootummaadhaan itti kennametti dabalataan ittigaafatamaa hawaaummaa isaa ga’umsaan bahachaa jiraachuu eeraniiru.

Godinaa Haadiyyaattis kutaalee haawaasaa sababaa balaa namtolchee fi umaman miidhaaman dandamachiisuuf meeshalee bu’uuraa fi uffannaa Birrii miiliyoona 25.4 taasisuu ibsaniiru.

Ministirri Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa Dooktar Ergoggee Tasfaayee, gama isaaniin, jijjiiramaan booda rakkoolee mudataanis Koomishiniin Gumurukaa rakkoolee kanneen hambisuuf dhaabbata adda duree ta’uu ibsaniiru.

Akka biyyaatti qormaatilee hedduun jiraatanis, badhaadinni Ityoophiyaa kan hinhafne ta’uu ibsaniiru.

Koomishinichi deeggarsi godinichaaf taasisee aantummaa ummataa qabu kan argisiise ta’uu kan himan Bulchaan Godina Haadiyyaa Obbo Abrahaam Maccaa, deeggarsichi miidhamtootaaf saffisaan akka qaqqabu kan hojjetamu ta’uu dubbachuu isaanii ragaan Koomishinii Gumurukaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment