Finfinnee, Waxabajjii 17, 2015 (FBC)-Koomishinarri Jeneraalaa Koomishinii Poolisii Federaalaa Dammallaash Gabiremikaa’eel Mootummaa Jibuutiitiin Niishaanii Kabajaa Poolisii biyyattii badhaafamaniiru.
Koomishinar Jeneraal Dammallaash Gabiremikaa’eel, badhaasichaas Muummee Ministiraa Jibuutii Abdulqaadir Kamaal irraa fudhataniiru.
Guyyaan hundeeffama waggaa 46ffaa Poolisii Biyyaalessaa Jibuutii kabajamuu ragaan Poolisii Federaalaa irraa argame ni mul’isa.
Badhaasicha kan argatanis nageenyaa fi tasgabbii naannawaa daangaa Ityoo-Jibuutii mirkaneessuuf, keessumaa yakkoota daangaa ce’oo waloon ittisuurratti bu’aa argamsiisaniin ta’uun ibsameera.
Kana malees, biyyoota lameen gidduutti hariiroo walta’iinsaa umamaa jiru cimsuuf naannawichatti jijjiiramni olaanaan akka dhufuuf gumaacha taasisaniin ta’uun eerameera.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.