Koomishinar Lalisee Nameen Paakistanitti Ambaasaaddara Ityoophiyaa waliin mari’atan

Finfinnee, Amajjii 9, 2015 (FBC)-Koomishinaarri Koomishinii Invastimanti Ityoophiyaa Lalisee Nameen Paakistanitti Ambaasaaddara Ityoophiyaa Jamaal Bakar waliin mari’atan.

Dabalataanis, Koomishinar Laliseen, damee invastimantii oomisha simmintoo, xaa’oo fi sibilaa irratti bobba’uuf dhaabbiilee idiil Addunyaa fedhii argisiisan Hojii Rawwachisaa Dhaabbata ‘Ariif Habiib Giruuppi’ Mahammad Qaasiif waliin mari’ataniiru.

Marii isaaniin, carraalee, filmaatawwan, onnachiistuu, seeraa fi fooyya’iinsa imaammataa damee invastimantii jiran irratti ibsa kennaniiru.

Koomishinar Laliseen naannawaa invastimantii abboottii qabeenyaaf mijataa taasisuuf hojiilee bal’aan hojjetamuu toora miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment