Koomishinar Lalisee Nameen Ambaasaaddara Siwiizaarlandi waliin mari’atan

Finfinnee, Adoolessa 18, 2015 (FBC)- Koomishinaarri Koomiishinii Invastimantii Ityoophiyaa Lalisee Nameen, Ambaasaaddara Siwiizaarland Taamaraa Moonaa waliin mari’atan.

Mariin isaanii carrawwan hawwatoo invastimantii Ityoophiyaa jiranii fi damichaan humna kuufamaa jiru fayyadamuun hojjechuuf, biyyoonni lameen tumsa qaban cimsuuf haloota dandeessisanirratti kan xiyyeeffate ta’uun ibsameera.

Koomiishinaar Laliseen, Ityoophiyaan hariiroo dinaagdee Siwiizaarlandi waliin qabdu cimsuu akka barbadduu fi biyyoonni lameenis tumsa isaanii guddisuu akka qaban eeraniiru.

Biyyoonni lameen hariiroo dinagdee, misoomaan, innooveeshiniin, barnootaa fi dhimmoota namoomaa irratti tumsa gaarii qabachuun ibsamuu TOI gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment