Koomiishiniin Hoggansa sodaa balaa fi DhMG buqqaatota deebisanii dhaabuurratti waliin hojjechuuf waliigalan

Finfinnee, Onkololeessa 2, 2016 (FBC)- Koomiishinarri Koomishinii Hoggansa Sodaa Balaa Itiyoophiyaa Ambaasaaddar Shifarraa Takilamaariyaam Gorsaa Dhimmootaa Buqqaatotaa Biyyaa Keessaa Barreessaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Roobarti Paaypar waliin mariataniiru.

Marii isaaniin, sadarkaa idil addunyaatti balaawwan uumamaa fi namtolchee babal’ataa dhufeen buqqa’iinsa biyya keessaa mudatu hambisuuf furmaata waaraa fi dhimmoota biroon walqabatan irratti mari’ataniiru.

Buqqaatota biyya keessaa deeggaruu fi waarinaan dhaabuuf biyyoota filaman 15 keessaa Itiyoophiyaan tokko ta’uu eerameera.

Kana hordofees dhimmicharratti Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii mootummaa fi Komishinii Hoggansa Sodaa Balaa Itiyoophiyaa waliin walta’iinsaan hojechuuf waliigalteerra ga’uu ragaan koomiishinicharraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

Comments (0)
Add Comment