Koomiishinichi Injiinar Taakkalaa Uumaa waliin mari’atee

Koomiishinichi Injiinar Taakkalaa Uumaa waliin mari’atee

Finfinnee, Muddee 8, 2012 (FBC) – Miseensonni Koomiishinii Bulchiinsa Daangaa fi Dhimmoota Eenyummaa itti aanaa kantiibaa magaalaa Fininnee Injiinar Taakkalaa Uumaa waliin mari’atan.

Walitti qabaan koomiishinichaa Dooktar Xaasaw Gabreen Faanaa Broodkaastiing Koorporeetitti akka himanitti, bulchiinsi magaalichaa koomiishinicha waliin hojjechuuf qophaa’ummaa muul’iseera jedhan.

Kunis hojii koomiishinichaatif tumsa gaaridha jedhaniiru.

Koomiishinichi ega hundaa’ee hojiilee hojjechaa jiruu fi bulchiinsi magaalichaa tumsa taasisuun ga’eesaa ba’achuurratti mari’atameera.

Mariin ammaa akka waltajjii walbarmaataatti kan tajaajilu yammuu ta’u, gara fuula duraatti qindoominaan hojjechuun dhimmoota danda’amurratti haasa’aniiru.

Comments (0)
Add Comment