Koomiishinichi baatiiwwan 7n darbanitti lammiilee miiliyoona 1.67f carraan hojii uumamuu beeksise

Finfinnee, Gurraandhala 28, 2012 (FBC) – Koomiishiniin Carraa Hojii Uumuu baatiiwwan 7n darbanitti lammiilee miiliyoona 1.67f carraan hojii uumamuu beeksise.
 
Manni Maree Carraa Hojii Uumuu Biyyoolessaa raawwii baatii 7 gamaaggameera.
 
Waltajjicharratti kan argaman walitti qabaan mana marichaa fi itti aanaan muummee ministiraa obbo Dammaqaa Makoonnan sochiin carraa hojii uumuu bifa qindaa’aa fi bu’aarratti hundaa’en hogganamuu qaba jedhaniiru.
 
Koomiishiniin Carraa Hojii Uumuu waltajjicharratti akka ibseen, baatiiwwan 7n darbanitti lammiilee miiliyoona 1.67f carraan hojii uumameera.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment